(Sources, King County Public Health, CDC)


Talaallin COVID-19 jira?

Bulchiisni Nyaataaf Dawaa (FDA) fayyadamuu ariiffachiisaa talaallii COVID-19 tokkoffaa raggaasise. Talalliwwan biraas baayyen hojjatamaa jiru, bu’a qabeeyyif miidhaa kan hin finne ta’u isaanii mirkaneessufis tola-ooltota kuma kudhaneen lakka’amaniin baayyinaan qorannoo kilinikaa lakkofsa guddaa jala jiru.

Talallin COVID-19 haalan baay’inni muraasa ykn tiqqaa ta’e dhuma bara 2020 dura Isteeta Waashingtan keessa qaqabuu ni jalqaba. Akka nuti eegnutti, raabsaan ykn dhiheessiin suuta suutan dabalaa deemuudhaan akka talaalli COVID-19 heddumminnaan argamu taha akka namni talaallii fudhatuu barbaadu hundu argatutti birraa yookaan bona 2021 keessa.


Eeyyamni Fayyadamuu Yeroo Ariiffachiisaa ykn Muddamaa Maali?

Bulchiisni Nyaataf Dawaa (FDA) yeroo ariiffachiisaa ykn muddamaa biyoolessaa omisha fayyaaf atatamaan barbaachisu dhiyeessuf kan EUAs jedhamee beekamu Eeyyama Fayyadamuu Yeroo Muddamaatti fayyadama. EUAn omishin otoo eeyyama guutuu hin argatin akka ittii fayyadamamu eeyyama.

EUA qorannoodhaf, meeshaf, ykn yaalaf fayyadamuun ni danda’ama.Buulchiinsi Nyaataaf Dawaa( FDA) anthrax, Ebola, H1N1 fi muddamoota fayyaa biro duraanitiif EUA baase ture.

EUAn otoo tilmaamaa keessaa hin angilin sadarkoota nageenya fi bu’a qabeessummaa fi ogeeyyii fayyaa walabaatin ilaalamuu dabalatee qajeelchota FDA guutuu qabu.

Yoo FDAn EUA talaalliidhaaf raggaasise, gareen gorsitoota walabaa lammataa odeeffannoo nageenyatiif bu’a qabummaa ni madaala. Gareen kun, the Advisory Committee on Immunization Practices (ACIP), talaalliin fayyadamuu qabaa fi hin qabuu irratti gorsa kennu. Yoo fayiidaa irra akka oolu gorsan, ACIPn dhiyeesitoota kunuunsa fayyaatif qajeelchota baasa.

FDA fi CDCn talallii nageenya fi bu’a qabeessummaadhaa to’achuu itti fufa erguma raggasifamanii boodallee.


Talaallin COVID-19 akkamitti akkanatti ariitidhaan hojjatame?

Yeroo baay'ee, qorannoon fi omishni talaallii yeroo hedu kan fudhatuufi irraa dedebi'insaan, tarkanfii addatti hojjatama wagaa heddu keessatti. Sababa golfaatin, moottuummaan federaala mallaqaa keennee akka warri talaalli qoratuufi warraa omishuu akka dalagaaf, qorannoo fi omishin yeroodhuma tokko ta'u. Tarkaanfinn irra utalamu hin jiru garuu yeroon itti hojjatamu saffisaan deemuu danda'a.

Yeroo talaalliin hayyamamte EUA dhaan, tola-ooltotni talaallii COVID-19 argatan adeemsa raggaasisa talaallii adeeffamee irraa yeroo gabaabaf to'atamu. Qorannoon talaallii COVID-19 kamuu tala-ba'eeyyii kumaan laka'amani hirmaachisa, yoo xiqate giduun tola-ooltotni erga talaallii dhumaa fudhatanii yoo xiqate baatii lamaaf hordofamuu (akka adeemsa adeeffamee baatii 6 ykn olio too hin taane). Garuu, baatii lamatti, rakkinni cinaa talaalliiwwan irraa dhufu akka muldhatu eegama.

Rakkinni cinaa darbanii argaman yeroo namootni milii'onan laka'amani talaallii fudhatan argamuu mala. Sababa kanaaf, nageenyi talaalliiwwan COVID-19 to'atamuun itti fufa erga kennamanii booda.


Talaalliin COVD-19 akkamitti hojjata?

Talaalliiwwan COVID-19 otoo dhukkubiin nu hin qabin qaamni keenya vaayirasii COVID-19 fidurraa akka dandeetti ofi eeguu uumu gargaaru. Yeroo talaalli argattan, sirni dhibeerra ofi tiksuu qaama keessanii antiibodii fi seeli infeekshina ykn dhukkuba darbu ittisu kan yoo vaayirasichaan dhibee qabsifamtan kan isin tiksu tolcha.


Faaydaani talaallii COVID-19 fudhachuu maali?

Talaallii COVID-19 tiin akka COVID-19 hindhukubssanne ykn akka malee akka hindhukubssannee si gargaara.

Talaallin kun si ittissa ykn eega qaamni kee dhukkuba if irraa ittisuu dandayu barsiisuudhan vayrasichaan akka lolu odoo dhibdee ykn infeekshiin COVID-19 hinargatin.

Qorannoo kilinikaa ykn Trails keessati, talaalliin COVID-19 kan amma argaman kun akkaan kan dalaganiifii COVID-19 tiin irraa ka nama ittisan tahuudha.

Talaalliin COVID-19 tin golfaa kana dhaabuuf meeshaa akkaan barbaachisadha.

Haguuggii godhachu fi namootaan addan fageenya eegachuun akka vaayrassif hinsaaxilamnee yookaani akka ati namatii hin dabarsine ir’isa, hatahuuti kuni qofti gahaa miti. Talaalliin ittisa dhukkubaa qaama keeti wajjiin dalagee akka qaamni kee vaayrasii if irraa ittisuuf qophahu qodha yoo ka vaayrasichaaf saaxilamte.

Talaallii fudhachuufii akkasumas gorssaa Fayyaa Hawaasa jalaa deemuudhan ifiif nama biraas ittisuun ammaaf irraa caallaa ittiisati COVID-19 tiin irraa.

Yeroo dheeraa keessa, akkuma namni heddu talaallii fudhatuun, wantoota biro kan amma COVID-19 tiin ittisuuf barbaachisa nu barbaachisu taha.


Talaallii COVID-19 yoomin argadha?

Talaallin COVID-19 hangi baay’ee murtaayen dhuma 2020 dura Isteeta Waashingtan keessa ni qaqaba. Yeroo talaalliiwwan xiqinaan dhiyaatanitti, Damee Fayyaa Isteeta Waashingtan, koree gorsitootaa fayyaadama talaalli(ACIP) ykn hama dandeetti ittisa CDC hordofanii dura duuba qabsiisu. Talaalliin haalan daangayaa torbeewwan jalqabaa hojjatoota kunuunsa fayyaa haalan saaxilamoo ta’aniif namoota dhabbatoota kunuunsa yeroo dheera keessa jiraatani qofaafi kennama.

Waliigalatti, talaallin COVID-19 bara 2021 keessa baldhinaan dhiyaata. Namootni COVID-19n qabamuuf haalan saaxilammo ta’an ykn yoo qabaman rakkina fayyaa ulfaataa qaban kan akka namoota gurgudoo haala fayyaa baay’ee hama’a qaban, hojjatoota barbaachisoo COVID-19 tin saaxilamuuf sodaa guddaa irra jiran, fi namoota umrii 65 ykn oliitif dursi kennama. Dhumarratti, namni barbaadu martuu talallii argachuu ni danda’a.

Waayee tamsaasa talaallii COVID-19 Isteeta Washington dabalataan asitti baradhaa (Ingiliffa qofaan jira).


Gatiin talaallii COVID-19 meeqa ta’a?

Talaallii COVID-19 tiif kaffaltiin hin jiru. Talaallin Medicare, Medicaid fi inshuransii dhuunfaa baay’een kafalama, namoota inshuransii hin qabneef gatiin talaallii ni kafalamaaf. Karoora inshuransii keessaniirratti ykn doktara bira dhaqxaniitti hundayee Kaffaltiin kan hafe ykn kan waajjira dhaqxanii jiraachuu mala.

Fayyaan Hawaasaa – Siyatiliif King Kaawuntii carraa kaffaltii-malee ykn kilinikoota talaalliiwwan bilisaa karoorfataa jira. Kilinikoota kanaafi tamsaassin walqixa dursa kennamaaf. Yeroo sadarkaa tamsaasa kana seenne odeeffannoon dabalataa baldhinaan tamsafama.


Talaallii hagam fudhachuu nabarbaachisa?

Talaalliin COVID-19 amma jiru qooda ykn qixa lama akka fudhatamu gaafata. Talaalliin lilmee duraa akka qaamni sirna ittisa dhukkubba ijaaruu eegalchiisa. Lilmeen talaallii lammataa imo ittissa guddisee tiskuu xumura. Lilmee talaalli lammataa guyyaa 21 ykn 28 eega ka duraa fudhateen booda siif keennamuu qaba talaallii siif keennamu irraati hundaa’ee. Talaalliin lamaan argatu kan akka tokkoo tahuu qaban. Yeroo lilmee talaalllii duraa argatu, haakimni talaallii siif keenne yoom talaallii lammadaa argatu siif hima.